Emergency 24/7 +251 97 353 6637
News Article

Duula Ashaaraa Magariisaa

August 05, 2026 Haji Omer Sheno 59 views Featured
Duula Ashaaraa Magariisaa

Hospitaalli Waliigalaa Dadar duula Ashaaraa Magariisaa gaggeesse

Hospitaalli Waliigalaa Dadar duula Ashaaraa Magariisaa gaggeesse


Hospitaalli Waliigalaa Dadar duula Ashaaraa Magariisaa biqiltuuwwan Miiliyoona 800 ol dhaabuuf akka biyyaatti karoorfame milkeessuuf sagantaa biqiltuu dhaabuu Mooraa Hospitaalaa keessatti gaggeesseera. Hospitaalichi duula Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti Waggoottan Saddeettan darbaniif gaggeeffamaa ture irratti adda durummaan hirmaachuun, mooraa Hospitaalaa keeysatti biqiltoota nyaataaf oolan garagaraa dhaabaa tureera. Biqiltoota dhaabamanirraahis qabatamaan fayyadamaa taheera.